Gada Events

Gada Events We are open for any ...! Mexico, Addis Ababa

As Gada system is the political, social and Cultural institution for Oromo Community, We Gada Events organizers are promoting and operating such events based on the reasonable prices that benefits the host communities in Ethiopia.

22/09/2023
20/09/2023
19/09/2023

Congratulations on registration of Bale Mountains National Park on UNESCO's world heritage!

Bale Mountains National Park

12/09/2023

Gada Events and Gada Ethiopian Tours wish Happy Ethiopian New Year to all our esteemed families‼
አዲሱ ዓመት የሰላም ፣ የፍቅር፣ የጤና እና የብልፅግና ይሁንልን‼
GADAA is a symbol of Democracy, peace and unity!
GADAA is a symbol of Equality, prosperity and dignity!
GADAA is a symbol of all cultural identity of OROMO‼



12/09/2023

𝐁𝐚𝐠𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧!

Bara 2016 fuuldura keenyatti ilaalaa, bara 2015 dabarsine kana yeroo dhumaaf gaggeessuuf guyyaa hafte tokko kanarratti waggaa ajaa’ibaa fi dinqisiisaa biyyi keenyaa fi uummanni biyyattii dabarsine yaadannoof kaasuun barbaada.

Tarkaanfii kaaba biyyattiitti nagaa buusuuf afaan qawwee callisiisuu irraa hanga Ashaaraa Magariisaan seenaa haaraa galmeessisuutti, milkiiwwan nuti dirree waadaa itti seenne irratti agarsiisnerraa hanga sadarkaa idil addunyaatti beekamtii akka Koomiishinii Tuurizimii Oromiyaatti argachuutti; faajjiiwwan milkii gama atileetiksiitiin ol kaasnee mirmirsuu irraa hanga injifannoo qabxii Itoophiyaan garee BRICS’tti makamuudhaan galmeessistetti gammaduutti, kun hunduu ammoo hidhaan guddichi biyyittii yeroo 4ffaa fi xumuraaf guutamuu isaatiin kan simboo addaa uffachuudhaan waggaa xumuramedha. Waggaan darbe kun qorumsoota gurguddoon yeroo itti nu quunnaman ta’us injifannoowwan mamii tokko malee biyyittii onnachiisan waggaa itti argine ture.

Bara 2016 kanaaf, akka biyyaatti qorumsoota arginee fi dabarsine caalaa, qabxiiwwan milkii fi injifannoo galmeessisne akka lakkoofnun barbaada. Kunis ammoo, yeroo xiyyeeffannoon keenya Nagaa fi Badhaadhinarra ta’u, injifannoon gaaffii tokko malee akka harka keenya jiru ragaa kan ta’udha.

Koomiishinii Tuuriizimii Oromiyaatti, bulchiinsa paarkiiwwan 24 kan haaraa ijaaramanii fi bakkeewwan mandhee tuuriizimii gaggeessuun wantoota keessa nu dabarse waan muraasa kaasuun barbaachisaadha.

Yaada Kabajamoo Pirezidaantii Obbo Shimallis Abdiisaatiin kaka’umsa godhannee tarkaanfiin nuti fudhanne kun, qaamolee mootummaa fi miti mootummaa akkasumas qaamolee aadaa fi duudhaa biyya keenyaa itichuu fi nurra bulchu gargaaruuf fedhii qaban waliin hojjechuuf yeroo kamuu caalaa qophii akka taane carraa kanaan ibsuun barbaada.

Galatni koo, qaamolee Biiroo Koomishinii keenyaa wajjin hojjetanii fi nu hiixachiisanii kaayyoo keenya nu qaqqabsiisaniif haa qaqqabu jechaa, waggaa haaraa kanatti kan walitti dhufeenyi keenya jabaatee itti fufu akka ta’u hawwii kooti.

Akkasumas, kutannoo fi tokkummaa ajaa’ibaatiin kan dadhabe osoo hin jedhiin kaayyoo biiroo Koomiishinii Tuurizimii Oromiyaa wajjin tirachaa turan, garee fi hojjettoota Biiroo keenyaaf galatni koo guddaadha, akka seenaa Oromiyaa addunyaatti himuuf tattaafattan seenaa keessan kan Oromiyaan deebistee addunyaatti himtu haa ta’un jedha.

Yeroo Birraan bari’u kana, Xumura fulbaana kanaa irratti, biiroon keenya obboloota keenya biyyootan Afriikaa fi bakkeewwan adda addaarra walitti dhufan kaan sagantaa itti akka dibaabee tuuriizimiitti jalatti walitti qabamnu qopheessee jira. Sagantaan isin darbuu hin qabne kun, akka lakkoofsa biyya alaatti (September) 24 hanga 26tti Hoteela Guddicha Skylight’tti kan adeemsifamu ta’a.

Bara haaraa dhufaa jiru kanatti hawwiinkoo guddaan qilleensi nagaa Oromiyaakoorratti bu'ee yeroo mo'u arguudha.

Dachaawwan, dirreewwan, bosonoonnii fi gaarreewwan Oromiyaa sagalee sirba gammachiisaa shamarranii fi tapha ijoollee dhiiraatiin ala sagalee waldhabdee fi gaddaa nama hin gammachiifne akka dhaga'an hin hawwu. Lubbuun tokkoon tokkoon hunda keenyaa kennaa safara hin qabne waan ta'eef gatii akka argatun barbaada. Hafuurri nagaa fi hunda hammate Oromummaa fi obbolummaa hunda keenyaa akka tokkoomsun barbaada.

Waggaa itti gammachuu, badhaadhinnii fi nagaan qe’ee keenya hunda itti guutu nuuf haa ta’u.

Leellisee Dhugaa
Koomiishinara,
Koomiishinii Tuurizimii Oromiyaa

11/09/2023
06/09/2023
31/01/2023
27/01/2023
22/01/2023

Address

Addis Ababa
8888

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gada Events posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gada Events:

Share

Category



You may also like