08/02/2021
Dhaabbanni Isti Afriikaa sagantaa bashannanaa fi qophiilee adda addaa qopheessuun biyya keenya Iitiyoophiyaa keessatti beekamtii olaanaa kan qabuu yoo ta'u, ogeessota muuxxannoo, beekumsa fi fedhii kaka'umsaa olaanaa qabaniin kan hogganamu yoo ta'u, dorgomtoota biyya keessa jiran salphumatti kan moo'eeti dursaa kan jiruuf maamiltoota isaammoo fedhii isaanii guutuu qofa osoo hinta'in umurii jeraa guutuu akka yaadataa jiraataniif sagantaa addaa karoorsuu irraa kaasee hanga qopheessuutti hojjechaa jira. Bara 2013 ALH sagantaa Irreechaa irratti jalabultii sagantaa qophii dhangaa koonsartii weellistoota kan akka Goota keenya Hacaaluu Hundeessaa, Galaanaa Gaaromsaa, Dr. Kabajaa Alii Birraa fi kkf irratti hirmaachisuun galma barkumeetti namoota 80,000 oliif bakka ciisichaa, nyaataaf dhugaatii bilisaan afeerruun sagantaa dhalootatti darbu qopheesuun aantummaa Uummataa agarsiiseera! Dhaabbanni keenya akka biyyaatti nagaaf tokkummaarratti xiyyeeffachuun sagantaalee hedduu qopheessee milkiidhaan kan golabe yoo ta'u dhiyeenyattis sagantaalee hedduu qopheessuuf halduree hunda xumuruun guyyaa sagantaa eegutti jira.